Baatiwwan arfan darbanitti carraa hojii uumuu baadiyyaatiin lammiileen kumni dhibba 2 ol fayyadamoo ta’an
Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Baatiwwan arfan darbanitti carraa hojii uumuu baadiyyaatiin lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 70 fi 320 fayyadamoo taasisuun danda’amuu ibsameera.
Karoora carraa hojii uumuu baadiyyaa wagga 10 fi raawwii baatii 4 bara 2013 irratti bakka hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniitti magaalaa Adaamaattii mariin taasifameera.
Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI obbo Saanii Raddiin, laakkoofsi lammiilee hojii barbaadanii wagga gara waggaattii dabala jiraachuu ibsuun, Ityoophiyaatti dargaggoonni miiliyoona 10 ol ta’aan hojii barbaddoota jedhaniiru.
Hojii dhabdummaan rakkoo hawaasummaa fi diinagdee akka qabu himuun, kun akka hin taaneefis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Haaluma kanaan ji’oottan arfan darbanitti lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 70 fi 320 carraan hojii umamuusaa himaniiru.