Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan arfan darban Buna Alatti ergameerra Doolaarri miiliyoonni 526 argame

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC) – Baatiwwan arfan darban Buna Alatti ergameerra Doolaarri miiliyoonni 526 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksiise.

Bara kana Buna Alatti ergamurraa Doolaara Biiliyoona 2 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu fi hanga ammaatti Doolaarri miiliyoonni 526 argamuu Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaan ibsaniiru.

Buna Toonii 810 gabaa alaaf erguuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Galiin Bunarraa hanga ammaatti argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Doolaara miiliyoona 126 caalmaa qabaachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.