Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 11’n darban galiin Birriin biiliyoonni 171.4 walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) – Baatiwwan 11’n darban galiin Birriin biiliyoonni 171.4 walitti qabamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Komishinichi raawwii hojii baatiwwan 11’n darbanii qorateera.

Baatiwwan 11’n darban Galii birrii biiliyoona 191.96 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 171.4 walitti qabamuu Itti Aanaan Komishinaraa Komshinii Gumrukaa Obbo Azzazaaw Caanneen ibsaniiru.

Galiin argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 9.9 caalmaa qabaachuu dubbachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 14.3tti tilmaamamu to’atamuus himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.