Fana: At a Speed of Life!

Baatiriin Konkolaataa Elektirikaa Chaarjiin isaa daqiiqaa 5 keessatti guutu ifoome

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) –Ingilizitti Baatiriin Konkolaataa Elektirikaa Chaarjiin isaa daqiiqaa 5 keessatti guutu ifoomeera.

Ingiliz keessatti dhaabbanni Baatirii konkolaataa Elektirikaa oomishu ‘Neobolt’ jedhamu Baatirii Konkolaataa elektirikii daqiiqaa shan keessatti chaarjii ta’uu danda’u ifoomseera.

Baatiriin kun daqiiqaa 4 keessatti % 80 guutuu danda’a jedhame.
Baatiriin kun guutummaatti yoo chaarja’e hanga Kiiloo Meetira 193 imaluu kan danda’u ta’uu eerameera.

Baatiriin haaraan ifoome kun rakkoo Chaarjii Baatirii Konkolaattoota Elektirikaa sadarkaa olaanaan ni furan kan itti amaname ta’uu himameera.

Kana dura Baatiriin Konkolaataa Elektirikaa ‘Teeslaa Suuppar’ jedhamu daqiiqaa 15 -20 gidduutti guutummaatti chaarja’uu kan danda’u ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.