Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan shanan darban daldala alaa irraa Doolaarri biiliyoonni 1.3 argame

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Baatiiwwan shanan darban daldala alaa irraa Doolaarri biiliyoonni 1.3 argamMinisteerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
Deettaan Ministira Daldalaa fi Indastirii Ambaassaddar Misgaanaw Argaaw ji’oottan shanan darbanitti biyyaattin oomisha alatti ergitte irraa doolaara biiliyoonni 1.3 argameera jedhan.
Kana keessaa gaheen qonna Doolaara miiliyoona 800 fi miiliyoona 28 ,indastiriin Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 56, albuudni Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 9 qabu jedhame.
Itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Misooma Magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii rakkoo indastirii manufaakcharingii naannichaa furuun ,alergii keessatti gahee olaanaa bahuuf xiyyeeffanneeraa jedhan.
Akka gabaasa TOItti, galichi kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaallamu Doolaara miiliyoona 200 fi miiliyoona 24 caalmaa qabaachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.