Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan salgan darbanitti piroojektoonni jallisii haaraan kuma 1 ol xumuramuu ibsame

Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Baatiiwwan salgan darbanitti ijaarsi piroojektoota jallisii haaraa kuma1 fi 80 xumuramuu Ministeerri Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Ministeerichi gamaaggama raawwii karooraa baatiiwwan salgan darbanii magaalaa Hawaasaatti gaggeessaa jira.

Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, baatiiwwan salgan darbanitti piroojektoota jallisiifi naannawaa horsiise bultootaatti hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan argamuu kaasaniiru.

Hojiilee hojjetaman keessaa ijaarsi piroojektoota jallisii haaraa kuma 1fi 80 xumuramuu eeruun, piroojektoonni kunneen lafa heektaara kuma dhibba 2fi kuma 51fi 500 ol misoomsuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamuu ibsuun, hojiin suphaa hidhawwan xixiqqaafi giddugaleessaa hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Bakkeewwan horsiise bultootaa hongeefi lolaan miidhamanitti hojiileen deebii kennisiisuu dandeessisan hojjetamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.