Baatiiwwan saglan darban oomisha bakka bu’an oomishuun Doolaara miiliyoona 129 baraaruun danda’ame
Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Baatiiwwan saglan darban oomisha bakka bu’an oomishuun Doolaara miiliyoona 129 baraaruun akka danda’ame Koorporeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii beekisise.
Koorporeeshinichi, raawwii karooraa baatiiwwan saglan darbanii Magaalaa Jimmaatti gamaaggamaa jira.
Gabaasa waltajjii gamaaggamichaarratti dhiyaateenis ji’oota sagal darban keessatti oomishaalee adda addaa gabaa biyya keessaatti dhiyeessuun dhiibbaa sharafa alaa hir’isuuf hojiilee jajjabeessaan hojjetamaaniiru.
Doolaara miiliyoona 125 ol baraaruuf karoorfamee Doolaara miiliyoona 129 ol baraaruun akka danda’ame ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Riifoormii kenniinsa tajaajilaa korporeeshinichaa fi qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun, bu’aa galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ibsameera.
Gama biraatiin bara baajataa 2015 ji’oota sagal keessatti al ergee irraa Doolaara miiliyoona 121 fi kuma 934 ol argamuu gabaasichaan eerameera.
Milkaa’inaalee galmaa’an cimsuun fi gufuulee mudatan irratti ji’oottan 3’n dhufan walta’insaanhaala hojjechuun danda’amurratti kallattiin ni kaa’ama jedhamee eegama.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.