Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan ja’an darbanitti lammiilee miiliyoona 1.4 oliif carraan hojii uumameera-MPM

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)-Baatiiwwan jalqabaa bara 2015’tti lammiilee miiliyoona 1.4 oliif carraan hojii dhaabbii umamuu Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa ibse.

Ministeerichi gabaasa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii damechaa baaseen, lammiilee miiliyoona 1.8 oliif carraa hojii uumuuf karoorfame keessaa lammiilee miiliyoona 1 fi kuma 492 fi 553’f carraan hojii uumamuu beeksiseera.

Dameewwan qonnaan lammiilee kuma 597, 181, damee indaastiriin lammiilee kuma 438 fi 686, damee tajaajilaan lammiilee kuma 577 fi 452, bobbii hojii alaan lammiilee kuma 38 fi 391’f carraan hojii umamuu beeksiseera.

Carraa hojii uumamee keessatti qoodni dubartootaa %36.2 fi kan dargaggootaa ammoo %86 ta’uun ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.