Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan ja’an darbanitti hojiimaata badaafi hannaan walqabatee hoggantootaafi hojjettoota 200 olirratti himanni banameera- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti hojiimaata badaafi hannaan walqabatee hoggantootaafi hojjettoota 200 olirratti himanni banamuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Manni Maree magaalichaa gamaaggama raawwii koroora baatiiwwan ja’an darbanii gaggeessaa ture guyyaa har’aa xumureera.

Hojiimaata badaafi hanna ittisuurratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Kenniinsi tajaajilaa yeroo faana deemuu akka danda’uuf dameewwan hedduu ammayyeessaa jiraachuufi hojiin itti quufiinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuu dandeessisu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Gabaan Dilbataafi hojiileen Maaddii Guutuu dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa salphisuuf eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa magaalicha qulqulluu, miidhagduufi mijattuu taasisuurra darbee magaalaa dippiloomaasii idil addunyaa kan madaaltu taasisuuf piroojektoota gurguddoo bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Baatiiwwan bara baajatichaa hafanitti hojiileen hin hojjetamiin hafan adda ba’uun karoora irra deebiin akka hammataman taasisuun piroojektoota jireenya uummataa salphisan irratti xiyyeeffachuun kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.