Baatiiwwan ja’an darbanitti galmeen himannaa kuma 4 fi 630 addaan cituu ibsame
Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Baatiiwwan ja’an darbanitti sababa himatamtoonnii fi ragaan dhiyaachuu dhabaniif galmeen himannaa kuma 4 fi 630 addaan cituu Ministeerri Haqaa beeksise.
Ministeerichi raawwii hojii baatiiwwan 6 darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeesseera.
Galmeewwan yakkaa falmiin irratti gaggeeffame kuma 26 fi 257 keessaa galmeewwan yakkaa kuma 4 fi 630 irratti himanni addaan cituu eereera.
Baatiiwwan jahan darbanitti yakkoota daangaa cehan, diinagdee, malaammaltummaa fi kanneen biroorratti falmii taasifameen galmeewwan kuma 8 fi 389 irratti murtoon kennamuu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediiyoon Xiimootiiwoos ibsaniiru.
Hayilayyesuus Siyyumtu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.