Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan ja’an darbanitti galiin waliigalaa Birrii biiliyoona 222 argamuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’aan darban galii waliigalaa Birrii biiliyoona 222 argamuun ibsameera.

Baraa baajataa kanattii galii Birrii biiliyoona 438.9 argachuuf karoorfamee baatiiwwan ja’an darbanitti Birrii biiliyoona 222 argameera.

Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa gabaasaa raawwii baatiiwwan ja’aa seektaraalee baase akka argisiisutti, bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti baasiin waliigalaa mootummaa 293.6 akka ture eeruun baasiin kunis baatiiwwan ja’a keessatti %68.5 daballi argisiisuun eerameera.

Baatiiwwan ja’an kanattis deeggarsi baajata alaarraa Birrii biiliyoona 20.9 ni argamaan karoorfamus, Birrii biiliyoona 4.7 galii ta’uun ibsameera.

Akkasumas galiin taaksiirraa kan bara darbeen yoo walbira qabamu 530.4 daballii kan argisiise yoo ta’u galii taaksii hintaane ammo %7.3 daballii argisiisuun eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.