Baatiiwwan ja’an darbanitti dhiyeessiin nyaataa fi qorichaa Birrii biiliyoona 1 ol naannoo Tigraay qaqqabeera- Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Baatiiwwan ja’an darbanitti dhiyeessiin nyaataa fi qorichaa Birrii biiliyoona 1fi miiliyoona dhibba 6 ol naannoo Tigraay qaqqabuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Dhiyeessiin nyaataa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoonni 8 fi dhiyeessiin qorichaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 28 naannicha qaqqabuu ibsameera.
Ministirri Dhimma Alaa deeggarsa dhiyeessii galteewwan wal’aansa fayyaa naannoo Tigraayiif taasifamu ilaalchisee ibsa yeroo laateera.
Mootummaan wayita waliigaltee waraana dhaabuu gamtokkeerra ga’ee turetti qorichootaa fi dhiyeessiiwwan fayyaa biroo Birrii walakkaa biiliyoonaatti shallagamu buufataalee Maqalee fi Shiree keessa kaa’uu eerameera.
Baatii waxabajjii hanga Amajjii 2021 Ejensii Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaarraa qorichoonni baatiiwwan 6’f ga’an gara naannichaatti ergamuu ibsameera.
Dabalataan baatii Adoolessaa 2021 irraa eegalee dhaabbilee garaagaraarraa qorichoonni meetirik toonii 658 konkolaataawwan fe’umsaa 18 naannicha qaqqabuu eerameera.
Dhaabbanni Fannoo Diimaa Ityoophiyaa tajaajila wal’aansaa balaa tasaaf qorichoota kiiloogiraama kuma dhibba 3 fi 565 xiyyaaraan qaqqabsiisuu fi dhaabbanni baraara daa’immanii idil addunyaa gama deeggarsa gargaarsa Gamtaa Awurooppaan deeggarsa yaala fayyaa garaagaraa 42 naannicha qaqqabsiisuu ibsameera.
Baatiiwwan 6 darbanitti dhiyeessiin nyaataa fi qorichaa waliigalaan Birrii biiliyoona 1 fi 1fi miiliyoona dhibba 6 olitti shallagamu naannicha qaqqabuu Ministeerchi ibseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.