Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 9n darbanitti miidhaan saayibarii 538 qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) –Baatiiwwan 9n darbanitti miidhaan bu’ura misoomaa saaybarii irratti xiyyeeffate 538 raawwatamuu Eejansiin Nageenya Neetwoorkii Odeeffannoo ifoomseera.
 
Marsariitii irratti miidhaan 105, soofti weerii irratti miidhaan 263,misooma bu’ra daawwiirratti 54, mala kallattii jijjiiruun galuu 106, bu’uura misooma saaybarii yaaliin hojii dhaabsisuu 9 fi haleellaan saaybarii waliin dhahuu 1 raawwatamuun isaa ibsameera.
 
Baatiiwwan 9n darbaniitti miidhaan saaybarii irratti raawwate keessaa %48.9 sooftweerii irratti ta’uu eejansichatti diiviizhiiniin qophii ittisa balaa saaybarii fi deebii laachuu ifoomsera.
 
Miidhaan ga’e kun kallaatii garaagaraan ta’uu eejansichi ifoomseera.
 
Miidhaan kurmaana 3ffaa keessa ga’e kun kan kurmaana lamaan duraa caaluu eejansichatti diiviizhiiniin qophii ittisa balaa saaybarii fi deebii laachuu himeera.
 
Miidhaan saaybarii kun kan kurmaana darbeen yoo madaallamu kurmaana kanatti % 68 dabaluu isaa ibsameera.
 
Haleellaa saaybarii irra ga’u duursanii ittisuu fi erga qaqqabee boodas miidhaa ulfaataa osoo hin geessisin deebii hataattamaa kennuu irratti eejansichi ga’ee olaanaa ba’aa akka jirus ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.