Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 6 darbanitti daldala al-ergiirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 104 ol argamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Baatiiwwan 6 darbanitti oomishaalee Paarkiiwwan Indaastirii gabaa alaaf ergaman irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 104 ol argamuu ibsame.

Ityoophiyaan rakkoo keessa taatuyyuu paarkiiwwaniin hojii bal’aa hojjetameen waggaa darberra bara kana galii fooyya’aan argamuu hogganaan Maarkeetiingii fi Kominikeeshinii Koorporeeshinichaa obbo Heenook Asraat ibsaniiru.

Galiin bara kana argame kan bara darbeen wali bira qabamee yoo ilaalamu %25 dabaluu ibsaniiru.

Oomishaalee alaa galan Doolaara miiliyoona 80 baasan paarkiiwwan kanneenitti oomishuun gabaaf dhiyeessuun danda’amuu kaasaniiru.

Parkiiwwan indaastirii kanneen keessatti lammiilee kuma 33 oliif carraan hojii uumamuu ibsaniiru.

Garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’ee kan ture Paarkiin Indaastirii Kombochaa gara hojiitti galuu fi oomishaalee isaa gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluu eeraniiru.

Ijaarsi Indaastirii Paarkii Samaraa % 97 ga’uu himaniiru.

Korporeeshinichi baatiiwwan ja’an darbanitti bu’aa Birrii miiliyoona 32 argachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.