Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 6 darbanitti abbootii warraa miiliyoona 1.1 fayyadamoo inshuraansii fayyaa hawaasaa tasisuun ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) –Baatiiwwan 6 darbanitti abbootii warraa miiliyoona 1 fi kuma dhibba1 ol fayyadamoo inshuraansii fayyaa hawaasaa tasisuu  Injensiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa damee Dirree Dawaa beeksise.

Buusii miseensummaa ilaalchisee galii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 99 walitti qabuun gara baankiitti guddisuu hogganaan ejensichaa obbo Darajjee Abbabaan Faanaa Broodkaastiing Lorporeetitti himaniiru.

Ejensichi tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa godina Harargee Bahaa, naannoo Hararii fi magaalaa Dirree Dawaatti kennaa jiraachuu ibsameera.

Godina Harargee Bahaatti maatiiwwan miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ni ta’u jedhamuun eegaman kuma dhibba 7 keessaa maatiiwwan kumni dhibbi 5 fi kumni 80 misensa ta’uu obbo Darajjeen ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun magaalaa Dirree Dawaatti maatiiwwan kuma 59 fi 523 keessaa kumni 31 fi 310 miseensa ta’uu kaasaniiru.

Naannoo Harariitti bara kana abbootii warraa kuma 45 fi 338 miseensa tajaajilichaa taasisuuf karoorfatamee guutumaan guutuutti milkeessuun danda’amuu eerameera.

Ejensichi baatiiwwan 6 darbanitti miseensota haaraa kuma dhibba 6 fi kuma 64 fayyadamtoota tajaajila inshuraansii hawaasaa taasisuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa abbootii warraa kuma dhibba 5 fi kuma 9 fi 49’f waraqaa misensummaa kennuun fayyadamoo tajaajilichaa taasisuun danda’amuu eeraniiru.

Dabalataanis abbootii warraa kuma dhibba 4 fi kuma 86 fi 372’f waraqaa misensummaa haaromsuu eeraniiru.

Ejensichi maatiiwwan baasii mataasaaniin wal’aanamuu hin dandeenyeef Birrii miiliyoona 42 ol kaffaluu ibsaniiru.

Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.