Baatiiwwan 5’n darban Ilillii gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaara miiliyoona 184.7 argame
Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Baatiiwwan shanan darban Ililli gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaara miiliyoona 184.7 argamuu Ministeerri Qonnaa ibse.
Hojii Raawwachiisaa Dursaan Misooma Hortiikaalcharii Ministeerichaa Abdallaa Nagaash, misoomni Ilillii carraa hojii bal’aa uumuu fi sharafa alaarraa argamuu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Damicharraa faayidaa argachuuf yaadameen hojiileen hojjetaman gadaanaa ta’uu eeranii, baatiiwwan shanan darbanittis oomisha Ilillii toonii kuma 55 fi 852 erguuf karoorfame keessaa toonii kuma 38 fi 949 milkeessuu himan.
Galiin argames Doolaara miiliyoona 184.7 ta’us, kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu %30 hir’isa argisiisuu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaan
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.