Baatiiwwan 5 darbanitti oomisha bunaarraa galii Doolaarri miiliyoonni 615 ol argamuu ibsame
Finfinnee, Mudde 11, 2015(FBC)- Baatiiwwan shanan darbanitti oomisha bunaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 615 ol argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shayii Ityoophiyaa ibseera.
Gabaa bunaa babal’isuuniifi buna Chaayinaafi Indooneezhiyaatti erguun danda’amuus eerameera.
Ittaanaan Daayrektara Olaanaafi hogganaan damee Bittaa abbaa taayitichaa obbo Shaafii Umar, baatiiwwan shanan darbanitti bunni toonii 109 ol gabaa alaaf dhiyaachuufi galii Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 15 fi kumni dhibbi 4 argamuu ibsaniiru.
Galichi kan bara darbee yeroo walfakkaataan yeroo madaalamu caalmaa Doolaara miiliyoona 100 kan qabu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Bara baajataa kanaan buna toonii kuma 360 gabaa alaaf dhiyeessuun galii Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.