Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 11’n darban mi’eessituurraa galii Doolaarri miiliyoonni 7.5 argamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Baatiiwwan 11’n darbanitti mi’eessituuwwan gabaa alaaf dhiyaatanirraa galiin Doolara miiliyoona 7.5 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksiseera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaan ,Itiyoophiyaatti mi’eessituwwan 50 ol kan oomishaman ta’uu ibsuun, kanneen keessaa mi’eessituwwan gosa 16 gabaa alaaf ni dhiyaatu jedhan.

Oomishaaleen kunneen biyyoota 39 tti kan ergaman ta’uu ibsaniiru.

Baatiiwwan 11’n darbanitti mi’eessituu toonii kuma 11 fi 600 ol gara biyyoota garaagaraatti erguun galii doolara miiliyoona 14 argachuuf karoorfamee turu ibsaniiru.

Haaluma kanaan mi’eessituu toonii kuma 8 fi 400 erguun galiin doolara miiliyoona 7.5 argamuu dubbataniiru.

galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkatan yoo madaallamee caalmaa toonii kuma 2 qabaachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana
/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.