Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 11 darbanitti Ityoophiyaan oomishaa Warqeerraa Doolaara miiliyoona 513.9 argatte

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 11 darbanitti Ityoophiyaan oomisha Warqeerraa Doolaara miiliyoona 513.9 argachuu Ministirri Ministeeraa Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsan.

Daldala alaatiin albuudaalee bal’inaa, qulqullinaa fi akaakuun akka oomishaman taasisuun biyyattiif bunatti aaansuun sadarkaa 2ffaan damee sharafa alaa argamsiisaa jiru ta’uun eerameera.

Waajjirri Ministeerichaa, oomishtoota albuudaa eeyyamaa invastimantii fudhachuun akkaataa waliigaltee galaniin hojii isaanii kanneen hingaggessinee, qorannoo albuudaa, oomisha fi alergeen kanneen hojii ummata miidhaan raawwatan 972 eeyyamni isaanii haqamuu Ministirichi eeraniiru.

Ministeerri Albuudaa lammiileen damee albuudaarraa fayyadamoo akka ta’aniif hojiilee riifoormii garagaraa gaggeessa jiraachuu ibsanii, dhiibbaa sharafa alaa hordofsiisaa kan jiran galteewwanii fi bu’aalee albuudaa indaastiriiwwan albuudaa kan biyya keessan bakka buusuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aalee hedduun galmaa’uu ibsaniiru.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.