Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 10’n darban barattoonni miiliyoona 7.8 fayyadamtoota sagantaa nyaataa ta’aniiru-TKM

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)-Baatiiwwan 10’n darban barattoota miiliyoona 7.8 fayyadamtoota sagantaa nyaataa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi milkaa’ina damee barnootaan argaman ilaalchisuun ibsa baaseen, sagantaa nyaata barattootaan, barattoota miiliyoona 9’n qaqqabsiisuuf karoorfamee barattoota miiliyoona 7.8’n ga’uun akka danda’ame eereera.

Kana malees, kitaabileen barnootaa sadarkaa 2ffaa miiliyoona 22.7 maxxanfamuu kan ibse tajaajilichi, sosochii fooyyessaa manneen barnootaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jiruun manneen barnootaa haaraa kuma 5 fi 873 ijaaramuu fi manneen barnootaa kuma 14 fi 791 hojiin suphaa gaggeeffamuu himeera.

Gama biraatiin ragaalee barnootaa mirkaneessuun dhaabbilee federaalaa 136’tti sirrummaa ragaa barnootaa hojjettoota kuma 18 fi 326 mirkaneessuun akka danda’ame eerameera.

Carraa barnoota bilisaa biyyota ollaaf kennamu gama guddisuun Itiyoophiyaan barattoota 865 simachuun barsiisaa jiraachuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.