Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwam 9 darbanitti lammiilee miiliyoona 2.4 oliif carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Baatiiwwam 9 darbanitti lammiilee miiliyoona 2.4 oliif carraan hojii uumamuu Ministeerri Hojiifi Ogummaa ibse.

Ministeerichi raawwii karoora baatiiwwan salgan darbanii magaalaa Arbaa Minicitti gamaaggameera.

Ministeerichi lammiilee miiliyoona 3 oliif carraa hojii uumuuf karoorsee baatiiwwan salgan darbanitti lammiilee miiliyoona 2.4 carraa hojii uumuu ibseera.

Damee tajaajilaan lammiilee miiliyoona 1’f, damee qonnaan lammiilee kuma 962’f akkasumas damee indaastiriin lammiilee kuma 493’f carraan hojii uumamuu eerameera.

Carraa hojii uumuurratti dameewwan qonnaafi indaastirii gahee duraa akka qabaatan taasisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahuun ibsaniiru.

Baatiiwwan salgan darbanitti lammiilee kuma 59’f carraan hojii biyya alaa uumamuus kaasaniiru.

Eefreem Mitikkuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.