Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan kurnaan darban keessatti galiin Birrii biiliyoona 1.9 ol walitti qabame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2012 (FBC) – Baatiiwwan kurnaan darban keessatti galiin Birrii biiliyoona dhibbi 1 biiliyoona 98 fi miiliyoonni dhibbi 4 fi miliyoonni 77 fi 959 walitti qabamu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaaleew beeksisaniiru.

Bara baajata 2012 ttii galii Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 70 walitti qabuuf hojjeecha akka jiru ministeerichi beeksiseera.

Kanaafis baatiiwwaan kurnaan darban keessaatti Birrii biiliyoonni dhibbi 1 biiliyoonni 98.4 fi miiliyoonni dhibbi 4 fi miliyoonni 77 fi 959 walitti qabuun karoorasaa waggaa %73.5 milkeessuu danda’eera.

Kunis bara baajata 2011 yeroo walfakkataatti wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 2.9 ol qabu danda’eera.

Ministirichis raawwii hojii kanaaf shooraa olaanaa kan ba’aan hoggantoota fi ogeeyyoota akkasumaas lammiilee gibira kaffalaan galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.