Fana: At a Speed of Life!

Baatiin nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa 2ffaan ifatti kan  eegalu ta’uu  ibsame

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Baatiin nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa 2ffaan ifatti kan  eegalu ta’uu  Ejensiin nageenya Odeeffannoo beeksiseera.

Guyyaa har’aa Baatiin nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa 2ffaan mata duree “ nageenyaa saayibariif itti gaafatamummaa waloo, haa beeknu, haa eeggannu” jedhuun  ifatti kabajamuu kan  eegalu ta’uu  Ejensichi ibseera.

Hanga Onkoloolessa 30, 2014 sirna garaagaraatiin kan kabajamu ta’uus ibsameera.

Ayyaanichi qopheessummaa Ejensii nageenya Odeeffannootin kabajama jedhameera.

Qaamolee dhimmi ilaallatu biroon kan qooda fudhatan ta’uu eerameera.

Kaayyoon kabaja ayyaanichaas dhaabbilee fi hawaasaaf sochii hubannoo uumuu taasisuun ergama faayidaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa eegsisuuf akka ta’e ragaan Ejensicharraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.