Fana: At a Speed of Life!

Baatii Ramadaanaa waliif yaaduu fi Rabbiin kadhachuun dabarsuu qabna-Sheek Hajii Ibraahiim

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)- Baatii Ramadaanaa waliif yaaduu fi Rabbiin kadhachuun dabarsuu qabna jedhan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaan ibsan.
Sheek Hajii Ibraahiim baatii Sooma Raamadaanaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, baaticha waliif hoo’uu, waliif dhiisuun baatii Rabbiin biratti faara tolaan ilaalamu akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Baatiin Raamadaanaa baatii waliif garaa laafuu, waliif yaaduu fi araaraa ta’uu yaadachiisaniiru.

Kanaaf harka qalleeyyii, buqqaatota akkasumas daa’imman haadhaa fi abbaa hinqabne gargaaruun, maaddii qooduufiin darbarsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Baatii Sooma Raamadaanaa 1445ffaa baga nagaan geessan jechuunis ergaa hawwii gaarii dabarsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.