Baatii Muddee keessa kutaaleen biyyattii tokko tokko Rooba salphaa hanga giddugaleessaa argachuu danda’u – Inistiityuuticha
Finfinnee, Sadaasa 22, 2017 (FBC) – Baatii Muddee keessa kutaaleen biyyattii tokko tokko Rooba salphaa hanga giddugaleessaa argachuu akka danda’an Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.
Baatii Muddee keessa haalli qilleensaa jiidhaan Rooba ta’uu malu itti fufiinsaan jiraachuu akka danda’u raagera.
Haaluma kanaan kutaaleen Lixaa,Kibbi Lixaa fi kutaaleen Rooba waqtii Bonaa 2ffaa argatan baatii Muddee keessa rooba salphaa hanga giddu galeeessaa argachuu danda’u jedheera.
Akkasumas kutaaleen Bahaa, Kaaba Bahaa, Kaaba Lixaa, Kaabaa fi Lixaa rooba waqtii hin eegne argachuu akka mala raageera.
#Oromia #Ethiopia