Fana: At a Speed of Life!

Baatii lama keessatti ijaarsa hidha haaromsaaf birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 72 walitti qabame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Bara baajataa 2013 baatii lama keessatti ijaarsa Hidha Haaromsaaf birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 72 fi kumni dhibbi 3  ol walitti qabamuu ibsame.

Bara baajataa 2013 baatii lama keessatti ijaarsa Hidha Haaromsaaf birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 72 fi kumni dhibbi 3  ol walitti qabamuu Waajjira Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaatti daayreektarri miidiyaa fi koominikeeshinii obbo Hayiluu Abrahaam dubbataniiru.

Maallaqichi bittaa boondii, kennaa fi sagantaa ergaa gabaabaa 8100 ‘A’n galii argameedha jedhan.

Baatii Hagayyaa qofa birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 52 fi kumni dhibbi 4 ol walitti qabamuu obbo Hayiluun ibsaniiru.

Erga ijaarsi hidhichaa eegalamee baatii tokko keessatti galii olaanaa walitti qabameedha jedhan.

Baatii Adoolessaas birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 19 fi kumni dhibbi 9 ol walitti qabamuu himan.

Baatii lamaan darban keessa maallaqa walitti qabame keessaa miiliyoonni 5.3 deeggarsa diyaaspooraarra argame ta’uu eeraniiru.

Bara baajataa 2013 ijaarsa hidha haaromsaaf birrii biiliyoona 1.5 walitti qabuuf karoorfamuu daayreektarichi himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.