Fana: At a Speed of Life!

Baatii itti aanu qilleensi jiidhaan jiraatu hojiilee qonnaaf haala mijataa uuma-Inistiitiyuuticha

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)- Baatii tokkoo dhufu qilleensi jiidhaan jiraatuu hojiilee qonnaaf haala mijataa kan uumuu ta’uu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa har’a baaseen, baatii dhufu Kutaalee Kaaba-Dhiha, Baha fi Giddugaleessa biyyattitti roobni idilee hanga idileen olii akka argatan eegama.

Haalli qilleensichaas hojiilee qonnaa gaggeeffamaniif keessumaa guddinaa sanyiilee boodaa hafanii facaafamanii fi guddinarraa jiraniif, akkasumas kanneen firii godhatanif faayida qabeessa ta’uu beeksiseera.

Dabalataan, naannawaa horsiisee bultootaa fi gariin horsiisee bultootaatti lalisuu biqiltootaa fi dhiyeessii bishaan dhugaatii fooyyessuuf kan tumsu ta’uun eerameera.

Keessumaa, Ganna darbe haala idileen gogiinsaan kan dabarsanii fi naannawaaleen roobaa marsaa 2ffaa argatan Kibba Oromiyaa fi naannawaa Kibba-Bahaatti gumaacha olaanaa akka qabaatu akeekameera.

Gama biraatiin, naannawaa rooba idileen olii argatanitti bishaanni oyiruurra ciisuu waan maluuf bo’oo baasuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.