Fana: At a Speed of Life!

Baatii Hagayyaa keessa gatiin gurgurtaa Qinxaaboo boba’aa haaluma baatii darbeen itti fufa jedhame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Gatiin gurgurtaa qinxaaboo Boba’aa baatii Hagayyaa haaluma baatii darbeen kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiiseera.

Buufataaleen boba’aa oomsiha dhoksanii kuusuu fi daballii gatii hin malle akka taasiifmne Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen akeekkachiisaniiru.

Caasaaleen daldalaa sadarkaan jiran raabsaa fi gurgurtaa Boba’aarratti to’annoo fi hordoffii cimaa akka taasiisan Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.