Fana: At a Speed of Life!

Baatii Hagayyaa Buna gabaa alaaf dhiyaateen galiin Doolaara miiliyoona 140 argame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC)-Baatii Hagayyaa keessaa oomisha Bunaa toonii kuma 27 dhiyaaterraa galiin Doolaara miiliyoona 140 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.

Daayrektarri abbaa taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaa bara baajataa kana hanga ammaatti dhiyeessiin Bunaa %18’n dabaluu ibsaniiru.

Bara 2016 buna toonii 350 gabaa alaatti erguun galii Doolaara biiliyoona 1.75 argachuuf karoorfamuu himaniiru.

Karoora kana milkeessuufis qonnaan bultoota, qaamolee dhimmichi ilaallatu fi naannolee waliin hojjetamaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Raawwiin baatii Hagayyaas jajjabeessaa ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.