Fana: At a Speed of Life!

Baatii Fulbaanaa gatiin gurgutaa Qinxaaboo boba’aa haaluma baatii Hagayyaan itti fufa jedhame

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Baatii Fulbaanaa keessa gatiin gurgutaa Qinxaaboo boba’aa haaluma baatii Hagayyaan kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Haaluma Baatii Hagayyaa keessa gurguramaa tureen kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen himaniiru.

Dooktar Kaasahuun, Buufataaleen Boba’aa hundi daballii gatii tokko malee fayyadamtoota akka keessummeessan yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.