Fana: At a Speed of Life!

Baatii Eeblaa hammi roobaa fooyya’aan jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Baatii Eeblaa roobni jiraachuu Inistiityuutiin Raaga haala Qilleensaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Roobni gahaan waqtii arfaasaa lamaan darbanirraa fooyya’aa ta’e kan jiraatu ta’uu Inistiityuutichi ibseera.

Rooba cimaa iddoolee tokko tokkotti muudatuun balaa lolaa tasa uumamuu danda’uuf of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.

Haalli qilleensaa baatii Eeblaa kibbaafi kibba bahaa biyyattii akkasumas naannaawaa qilleensa baddaa qabanitti jiru midhaan faca’uuf haala mijataa kan uumu ta’uu ibseera.

Inistiityuutichi rooba waqtii arfaasaa amala isaan jijjiramaa ta’eerraa kan ka’e baatii kana keessa yeroon bokkaan hin jirre guyyootaaf walitti aansee jiraachuu akka malu raagni haala qilleensaa kan agarsiisu ta ‘uu eerera.

Kutaalee kaaba bahaa, giddu galeessaa fi kibba biyyattiitti roobni cimaan roobuu akka danda’u raagni haala qilleensaa jiru kan mul’isu ta’uu himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.