Fana: At a Speed of Life!

Baatii dhufu Shaampiyoonaan Buunyaa Itiyoophiyaatti gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Baatii Hagayyaa dhufu Shaampiyoonaan Buunyaa Idil Addunyaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Konfedereeshiniin Buunyaa Afrikaa beeksise.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa fi Daayrektarri Konfedereeshinii Buunyaa Afrikaa Aliisaan dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, dorgommii shaampiyoonichaa Itiyoophiyaatti gaggeessuuf qophiin taasifamuu himan.

Dorgommichis bara Faranjootaa Hagayyaa 17 Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeeffamu eeraniiru.

Dorgommicharratti namoonni bebbeekamoon, qondaaltonni olaanoo mootummaa, Ambaasaaddaroonnii fi keessummoonni biroon ni hirmaatuun kan eegamu ta’uu ibsameera.

Dorgommiin shaampiyoonichaa tuuriizimii Itiyoophiyaa, Aadaa, diinagdee fi dameewwan biroo dadammaqsuuf gahee olaanaa akka qabaatu eeramuu ragaan konfederrshinicharraa argame ni mul’isa.

Saganticharratti Waajjirri Olaanaa Konfedereeshinii Buunyaa Afrikaa Finfinneetti ijaarame akka eebbifamu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.