Baatii darbe Ityoophiyaatti nageenya mirkaneessuuf hojii jajjabeessan hojjetame – Humna Waloo Nageenyaa
Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) –Baatii darbe Ityoophiyaatti tasgabbii fi nageenya mirkaneessuuf hojii jajjabeessan hojjetamuu Humna Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksiise.
Manni Maree Nageenyaa walga’ii har’a gaggeesseen sodaa nageenyaa jiran adda baasuun hojiilee hojjetame gamaaggameera.
Dabalataan sadarkaa biyyaalessaatti kallattii nageenyaa fi tasgabbii biyyaa kabachiisaan kaa’eera.
Baatiiwwan darban nageenyi lammileen sodaa keessa galuu fi yaaliwwan nageenyaa fi tasgabbii biyyaa booreessan uumamee turu Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.
Tattaaffii Ityoophiyaan qabeenya qabdutti fayyadamuu gufachiisuuf yaaliwwan taasiifamaa turuu kaasaniiru.
Yaaliin Alshabaab tibbana daangaa ce’uun haleellaa taasiisuu raawwate akka fakkeenyaatti kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.
Tarkaanfii garicharratti fudhatameen Ityoophiyaa dadhabsiisuuf humnoonni duuba isaa hiriiraan jiraachuu mirkanaa’eera jedhan.
Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa dhimmoota sodaa nageenyaa fi tasgabbii biyyaalessaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa turuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasee Tulluun eeraniiru.
Hojiin ummataa hirmaachise damee hundaa akka hojjetamu kallattiin kaa’amee hojiilee raawwatamaniin bu’aa jajjabeessan argamuu kaasaniiru.
Baatii darbe keessa nageenyaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatameen
lammiilee qa’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’anii turan hedduu deebisanii dhaabuun danda’amuu kaasaniiru.
Gareewwaan shororkeessaa Ityoophiyaa diiguuf socho’aa turanirratti tarkaanfii fudhatameen humnoota diinaa hedduu barbadeessuun danda’amuu Itti gaafatamaan olaanaan qajeelcha odeeffannoo Raayyaa Ittisaa Leetanaal Jeneraal Birihaanuu Baqqalaan ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.