Fana: At a Speed of Life!

Baatii damee Ayiveeshiniin Godaannisa seenaa galmeesse Muddee 2024

Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC) – Barri Faranjootaa 2024 xumuramaa jiru Baatiin Muddee Indaastirii Ayiveeshiniin Balaa hedduu keessummeessuu ibsameera.

Baatii kana keessa balaawwan Xiyyaara nama dhuunfaa hanga Xiyyaara Daldalaatti mudateera.

Xiyyaaroonni 6 caccaabuun lubbuu namoota hedduu galaafachuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uun Baatii Indaastirii Ayiveeshiniin godaannisa seenaa hamaan itti galmaa’e ta’uu Miidiyaaleen gabaasaniiru.

Guyyootan dura Xiyyaarri Imbirar 190AR jedhamu qabeenyummaan isaa kan Azaarbaajaan ta’e imaltootaa 62 fi hojjettoota 5 fe’ee imalaa ture misaa’eelaan rukutamuun Kaazaakiistaan dhiheenya Magaalaa Aktaawutti kufuun kan yaadatamuudha.

Balaan kun lubbuu namoota hedduun galaafateera.

Garaagarummaa guyyoota muraasaa keessatti Xiyyaarri Taayilaandi Magaalaa Baankookii namoota 181 fe’ee imalaa ture Kooriyaa Kibbaa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Mu’aanitti waayita qubachuuf yaalu kufee caccabuun lubbuu namoota 179 galaafate.

Akkasumas Xiyyaarri Kaanaadaa lakkoofsa Balallii 2259 ta’e Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Haliiffaaksi Istaanfiild qubachuuf waayita yaalu mucucaachuun balaan Ibiddaa mudachuu gabaafameera.

Dabalataan Arjentiinaa, Giinii, Hawaayii fi Biraaziilitti balaan Xiyyaaraa mudachuun lubbuu namoota hedduu galaafachuutu dhagahame.

Balaawwan mudataa jiran kunneen geejjiba qilleensaa gaaffii keessa galchuu eerameera.

Abbaan Taayitaa Ayiveeshinii safartuu nageenya Ayiveeshinii irra deebiin akka ilaalu taatee dirqisiistu ta’uu ibsame.

Baatiin Muddee bara 2024 Damee Ayiveeshiniif Baatii godaannisa seenaa uumee fi Baatii dukkanaa jedhameera.

Baatii Addunyaa gadda keessa galche jechuun miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.