Fana: At a Speed of Life!

Baasii doolaara miiliyoona 11 oliin bittaan konkolaattoota fe’umsaa gurguddoo 150 raawwatame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Tajaajila Loojistiksii Galaanaa Ityoophiyaa Doolaara miiliyoona 11 oliin bittaa konkolaattoota fe’umsaa gurguddoo 150 raawwaachuu beeksise.

Fe’umsa al ergii fi alaa galu bifa ariifataan imalchiisuuf dhabbatichi dandeettii tajajila loojistiksii cimsuuf bittaa konkolaattoota fe’umsaa haaraa gurguddoo raawwachuu himeera.

Konkolaattoonni kunneen dhaabbata Chaayinaa konkolaattoota gurguddoo oomishuun beekkamu Siinootiraak Internaashinaal jedhamurraa bitamuu himameera.

Tokkoon tokkoon isaanii kuntaala 400 fe’uu danda’u jedhame.

Konkolaattonni kunneen torbee darbe buufata Chaayinaa Tiiyaanajii Doonii Finfinnee jedhamuun fe’amuun imala kan eegalan yoo ta’u, xumura baatii bara Faranjootaa kana Jiibuutii ni ga’u jedhamee eeggama.

Waliigala bittaa konkolaattoota kanneeniif Doolaarri miiliyoonni 11 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 30 baasii ta’uu ibsameera.

Baasiin kun gatii fe’umsaa kan dabalatu akka ta’e dhaabbatichi ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.