Fana: At a Speed of Life!

Baankonni Misooma Itiyoophiyaa fi Jarmaan dhimmoota waloon hojjetanirratti mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)- Baankiin Misooma Itiyoophiyaa fi Baankiin Misoomaa Jarmaan dhimmoota waloon hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Maricharratti Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa Dooktar Immabeet Malasee fi Miseensonni Hoggansa Baankicha, Garee Ministira Misoomaa fi Walta’iinsa Diinagdee Jarmaan Maarkas Voon Isan durfamu waliin mari’ataniiru.

Maricharratti raawwii pirojektoota lamaa Baankii Misoomaa Itiyoophiyan hojiirra ooluu fi Baankii Misoomaa Jarmaniin deeggarsi faayinaansii taasifame gamaaggamameera.

Pirojektoonni kunneenis tajaajila liizii maashinaroota makkaanaayizeeshiniif oolanii fi dhiyeessii faayinaansii gama baankotaan dhaabbilee faayinaansii maayikiroof dhiyaatan ta’uun himameera.

Pirojektootaa amma hojiirraa oolaa jiranitti dabalataan adeemsa pirojektoota lamaa fuulduratti hojiirraa oolaan ilaalchisuun mari’atamuu ragaan Baankii Misoomaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.