Fana: At a Speed of Life!

Baankileen Garaagaraa Boqochuu Artiist Alii Birraan gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC) – Baankileen Garaagaraa Boqochuu Doktara Kabaja Artiist Alii Birraan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Baankiin Oromiyaa du’aan boqochuu Doktaara kabajaa, Artiist Alii Birraan gaddi onnee cabse itti dhagahamuu ibseera.

‘Oolmaa uummata Oromoo fi saba cunqurfamaa hundaaf gooteen yoomiyyuu laphee keenya keessa jaalalaa fi gootummaan jiraatta. Sichi dhalootni seenaakee hima, oolmaakees ol kaasee faarsa. Ati har’a lubbuun nu biraa deemtuus, hojiinkee bara baraan yaadatama, ati fi maqaankees dhaalootaan farfaama seenaankees himaamaa kan itti fufu ta’a’ jechuun ibseera.

Hangafa Aartii Oromoo, fakkeenya Aartistootaa kan ta’e jaalatama Alii Birraan boqochuu isaatti Boordiin Daayireektarootaa, Miseensonni Manajimeentii fi Hojjettootni Baankii Oromiyaa hundi gadda itti dhagahame ibsaniiru.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaas du’aan Boqochuu falmaa mirga dhala namaa Artiist Alii Birraan gaddi itti dhaga’amuu ibseera.

Boordiin Daayreektarootaa, Hojii gaggeessitootnii fi hojjattootni Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa hundi gaddi guddaan itti dhaga’amuun ibsaniiru.

Akkasumas Baankiin Awaash boqochuu Doktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Gaddi itti dhagahamuu ibseera.

Daayreektoreetootaa, manaajimentii fi hojjattoonni Baankii Daldala Ityoophiyaas du’aan boqochuu Doktara kabajaa Artiisti Alii Birraatti gaddi guddaan kan itti dhagahame ta’uu ibsan.

Dhaabbileen kunneen Maatii, Firoottanii fi dinqisiifattoota isaanii hundaaf jajjabina hawwiniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.