Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee lammiilee Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona115 taasise

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015 (FBC)-Baankiin Siinqee lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona115 taasiseera.

Pireezidaantii Baankii Siinqee Obbo Nuwaay Magarsaa har’a miidiyaaleef ibsa kennaniin hawaasa keenya caalatti deeggaruuf ni hojjenna jedhaniiru.

Hogganaan Buusaa Gonafaa Obbo Musxafaa Kadiir sirnicharratti argamuun haasaawa taasisaniin Baha Afrikaa keessa Kibbaa Baha Oromiyaatti waqtiilee shaniif roobni dhabamuun hongeen hawaasa Aanaaleen Booranaa 13 miidheera jedhan.

Baankiin Siinqee aantummaa hawaasa isaatiif qabu qabatamaan argisiiseera jedhaniiru.

Olyaad Ahimadtu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.