Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee hundeeffame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Baankiin Siinqee hundeeffamuu Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.

Waldaan Aksiiyonaa Liqii fi Qusannoo Oromiyaa (WALQO)-n labsii lakkoofsa 626/2009 fi qajeelfama Baankii Biyyoolessaa lakk. SBB/74/2020 bu’uura godhachuun murtoo abbootii akisyoonaa fi kallattii mootummaa naannoo Oromiyaatiin moggaasa maqaa “Baankii Siinqee” jedhu qabatee gara baankiitti ce’eera jedhan.

Baankiin Siinqee kaappitala kaffalame qarshii biiliyoona 7.4 kan qabuu yoo ta’u, kaappitala ‘Subscribed’ ta’e biiliyoona 15 galmeessisuudhaan hundeeffamu obbo Addisuun himaniiru.

Baankiichi kaappitaala guddaa fi dameewwan 400 ol qabaa jedhaniiru.

Baankii Daldala Ityoophiyaatti aanuun baankii isa guddaa isa taasisa jedhan.

Mul’anni baankiicha wagoottan shanan dhufan keessatti akka Ityoophiyaatti baankii dursaa (the leading bank) ta’uu fi waggoottan shan itti aanan keessatti ammoo baankiwwan Afriikaa gurguddoo kurnan keessaa isa tokko ta’uu isaa obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaanitiin ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.