Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Oromiyaa yeroo 2ffaaf badhaasa Olaanaa Diyaamandii Idil Addunyaa 2023 argate

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Baankiin Oromiyaa walitti aansuun yeroo 2ffaaf badhaasa qulqullina tajaajila olaanaa Diyaamandii Idil Addunyaa bara 2023 badhaafameera.

Dhaabbanni “European Society for Quality Research (ESQR) Adoolessa 2, bara 2015 Beeljiyeem Biraaselsitti sirna gaggeesseen Baankii Oromiyaa walitti aansuun yeroo 2ffaaf badhaasa tajaajila qulqullina olaanaa argachuu beeksiseera.

Sagantichaarratti Hoji raawwachiisaan Olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnin, Baankiin Oromiyaa badhaasicha argachuun, jijjiirama dhaabbattummaa hunda galeessa eegale galmaan gahuu fi fedhii tajaajila baankii ammayyaa maamiltoota isaa dhugoomsuudhaaf kutannoo qabu kan cimsu ta’uu ibsu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

Sirna geggeeffame kana irratti dhaabbileen daldalaa idil-addunyaa beekamoo 49 biyyoota 42 irraa walitti bahan bara kana badhaafamuun eerameera.

Dhaabbanni “European Society for Quality Research”, dhaabbilee tajaajilaa qulqullina qabu kennanii fi dhiibbaan isaanii addunyaa irratti olaanaa ta’e badhaasuun kan beekamudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.