Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Oromiyaa Lammiilee hongeen midhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) – Baankiin Oromiyaa Lammiilee hongeen midhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasisuu ibsameera.

Hojii Raawwachisaa Olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Makonniin deeggarsicha Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatti kennaniiru.

Sirna beekkamtii Mootummaan Naannoo Oromiyaa qopheesserratti argamuun baankichi deeggarsa kenneeraa.

Rakkoo uumamaa fi namtolchee mudateef Baankiin Oromiyaa deeggarsa walfakkaataa taasisaa turuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.