Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa Tiraaktaroota Qonnaa maamiltootaaf dabarse
Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa deeggarsa maallaqaa Baankii Misoomaa Jarmanirraa argateen Tiraaktaroota Qonnaa 17 maamiltootaa Faayinaansii Liiziif dabarseera.
Baankichi Maakaanaayizeeshinii Qonnaa Ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Maamiltoota Faayinaansii Liizii dameewwanii fi Dirstiriiktiitti argamaniif Tiraaktaroota kanneen dabarsuu himeera.
Qonnaan Bultoonni Makaanaayizeeshinii Qonnaa hojiirra oolchuun oomishaa fi Oomishtummaa akka dabalan Tiraaktaroonni Qonnaa murteessaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Baankichaa Obbo Geetaachoo Waaceen ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufuun Tiraakteroota kunnaan fudhatan Makaanaayizeenii qonnaa babal’isuuf tattaaffii taasiifamu boqonnaa itti aanuutti kan ceesisan ta’uu obbo Geetaachoon wayita walharkaa fuudhinsaa haasawa taasiisan himaniiru.
Qonnaan bultoonni Tiraakteroota kanneen fudhatan kaffaltii duraa % 20 kan xumuranii fi % 80 ammoo waggoota 5 keessatti akka kaffalan haalli liqaa mijachuufii eerameera.
Mintasinoota Mulugeetaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.