Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa maashinoota haamee calleessu 9 maamiltootaaf dabarse
Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)-Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa deeggarsa maallaqaa Baankii Misoomaa Jarmanirraa argameen maashinoota haamee calleessu sagal liizii faayinaansiin maamiltootaaf dabarse.
Sirna walharkaa fuudhiinsaarratti Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu fi Finfinneetti Daayrektarri Baankii Misoomaa Jarman Diyaanaa Heedirik argamaniiru.
Baankichi maashinota kanneen kan dabarsee Liizii faayinaansiin maamiltoota isaa distiriktii fi damee baankichaatti argamaniif ta’uun eerameera.
Maashinoonni kunneen qisaasama oomishaa hir’isuu fi qonna ammayyaa’aa babal’isuuf gaheen qaban olaanaadha jedhameera.
Baankichi duraan maashinoota 52 godinaalee afuriif dhiyeessuu sirnicharratti eerameera.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.