Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa hamma liqii qisasaamuu %6.5tti hir’isuu ibse

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa hammaa liqii qisasaamuu %57 irraa gara %6.5’tti hir’isuu ibse.

Pireezidaantiin Baankichaa Dooktar Yohaannis Ayaalewu akka ibsaniitti, bu’aan argame kun waggoottan shanan darban hojiilee riifoormii gaggeeffamaniin ta’uu eeruun, kanaan dura gidduu seentummaa, hojmaata badaa, hojmaanni siistamaan deeggarame dhabamuu fi hanqinni humna namaa baankicha kisaaraaf saaxileera.

Si’a lama kaappitaalli baankichaa akka guddatu taasifamus walitti fufiinsaan kisaaraa galmeessuu ibsanii, yeroositti baankichi kuufama liqaa qisaasame Birrii biiliyoona 27.5 ga’ee turuu yaadachiisan.

Mootummaan baankichi akka hincufamneef riifoormiin akka gaggeeffamu murtoo dabarsuun tarkaanfii baankichaa itti fufsiisuu fudhatamuu dubbatan.

Baankii Misoomaan ala biyyoota akka Itiyoophiyaa guddinarra jiraniif yeroo dheeraaf invastimantiif faayinaansii dhiyeessuun akka hindanda’amne hubachiisaniiru.

Baankichi kenniisa tajaajila liqaa haqa qabeessa hinturre hambisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun gara riifoormiitti seenuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan hamma liqii qisaasamuu hir’isaa dhufuu kan ibsan Dooktar Yohaannis, kanaan %57 irraa gara %6.5’tti hir’isuu akka danda’ame ibsaniiru.

Liqaa qisaasame %6.6 keessaa %3.9 rakkoo invastimantii qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi Gambeellaan kan walqabatu ta’uu Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet waliin turtii taasisaniin himaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.