Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Afrikaa biyyoota Afrikaaf deeggarsaa fi liqaan doolaraa miiliyoona dhibba 2 ol raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 19, 2012 (FBC) – Baankiin Misoomaa Afrikaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa hammaachaa dhufee ittisuuf biyyoota hedduuf deeggarsaa fi liqaan doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 92.8 raggaasisuu beeksiseera.

Biyyota tajaajila deeggarsa fi liqichaa argatan keessaa Ruwaandaa,Jibuutii,Gaambiyaa, Laayibeerii, Seeraaliyoonii fi Gaanaadha jedhameera.

Baankichi Afrikaa bahaatti kan muudate weerara awwanniisaa fi sababa rakkoo fayyaaf dhiibbaa diinagdeerratti qaqqabee hir’isuuf bajaata Doolaraa Ameerikaa miiliyoonaa 31.6 raggasisuu ifoomseera.

Baankiin Misooma Afrikaa deeggarsa fi liqaa biyyotaaf taasisee kana dura biyyoonni Afrikaa sababa COVID-19 dhiibbaa diinagdee irra gahee akka dandamataniif faandii doolaraa biiliyoona 10 mirkaneessera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.a

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.