Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Ityoophiyaa Intarpiraayzoota xixiqqaa fi giddugaleessaa deeggaruuf Birrii biiliyoona 8.6 ramade

Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Baankiin Misooma Ityoophiyaa Intarpiraayzoota xixiqqaa fi giddugaleessaa deeggaruuf Birrii biiliyoona 8.6 ramaduu beeksiise.
Leenjiin sochooftoota Intarpiraayzoota xixiqqaa fi giddugaleessaa giddugala leenjii shan irratti leenjitoota kuma 2 fi 500 ol hirmaachise marsaan duraa eegalmeera.
Preezdaantiin Baankii Misooma Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaaley Intarpiraayzoota xixiqqaa fi giddugaleessaa utubuun dorgomaa taasiisuuf Birriin biiliyoonni 8.6 ramadamuu ibsaniiru.
Baankiin Misoomaa Ityoophiyaan Intarpiraayzoota dorgomaa fi ga’umsa qaban taasiisuuf hojiin hojjetaa jiru jajjabeessaa ta’uu Preezdaantiin Bulchiinsa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.
Sirna darbe keessa diinagdeen biyyattii harka qaamolee muraasaa jala turuun isaa Intarpiraayzoonni diinagdee biyyaaf gumaacha irraa eeggamu hin baane jedhan ergaa Intarneetiin darbarsaniin.
Hojiin baankichi Intarpiraayzoota jajjabeessuuf hojjetaa jiru dhaabbilee biroof fakkeenya ta’uu akka qabu Preezdaantiin naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad dubbataniiiru.
Leenjichi qophii pilaanii Biiznasii, muul’ata, hoggansa hojii dandalaa, Faayinaansii, bulchiinsa herreegaa fi humna namaarratti laatamaa jiraachuu ibsameera.
Leenjiin marsaa duraa kun magaalaa Jimmaa, Finfinnee, Bahaar Daar, Dasee fi Jigjigaatti kannamaa jiraachuu himameera.
Marsaan lammaaffaan ammoo magaalaa Adaamaa, Walaayittaa Sooddoo fi Buttaa Jiraatti laatame jedhame.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.