Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Afrikaa misooma madda anniisaa haaromuu Ityoophiyaaf liqaa Doolaara miiliyoona 10 eeyyame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) –Baankiin Misooma Afrikaa misooma madda anniisaa haaromuu Ityoophiyaaf liqaa Doolaara miiliyoona 10 eeyyamuu beeksise.

Liqaan kun naannoo Tulluu Mooyyeetti kan ijaaramu proojaktii madda anniisaa hurkaaf kan oolu ta’uu ibsameera.

Proojaktichi dizaaynii madda anniisaa hurkaa meegaa waatii 50, ijaarsa, adeemsa yaalii, tattamsa’ina dhiyeessi humnaa fi hojii daddabarsaa akka raawwatu kan ibsame.

Ofiiserri invatimeentii fi Ispeeshaalistiin madda anniisa haaromu olaanaa Baankii Misooma Afrikaa Antoonii Kaaremboo proojaktichi misoomaa magaarisaa babbal’isuu fi namoota 600f hojii kan uumudha jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.