Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Afriikaa Ardiichatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu baajata Doolaara miiliyoona 27.33 raggaase

Finfinnee, Fulbaana 1,2013 (FBC) – Baankiin Misooma Afriikaa Ardiichatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu baajata Doolaara miiliyoona 27.33 raggaase.
 
Maallaqni kun weerara vaayrasichaa ittisuuf qooda guddaa qaba jedhame.
 
Sababa weerarichaan gaaga’ama diinagdee fi hawaasummaa qaqqabe dandamachiisuuf kan gargaaru ta’uu eerrameera.
 
Dabalataan deeggarsichi biyyoota Afrikaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiilee qilleensaa, galaanaa fi lafaarratti raawwataman tumsuuf oola jedhameera.
 
Maddi:-News Times
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.