Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Kuush gurgurtaa Sheerii eegale

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Baankiin Kuush sheerii biyya keessaa eegaluu isaa ibsame.
Koreen Baankichaa haala waliigala ilaalchisuun har’a ibsa laatera.
 
Baankicha eeyyama gurgurtaa sheerii baankii biyyaaleessaarra argateera.
 
Baankiin Kuush damee isaa biyya keessaa fi biyya alaatti diriirsuun kan hojjatu ta’uu himameera.
 
Baankiin Kuush Jiruu fi jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee Bulaa giddugaleessa godhachuun xiyyeefannoo guddan kan hojjatuu ta’us ibsameera.
 
Baankichi tajaajila dhalaa fi dhalarraa bilisa ta’e ni kenna jedhame.
 
Yeroo ammaas iddoo lammiileen Ityoophiyaa argaman hundatti sheerii gurguraa jiraachuu himameera.
 
Sheeriin baankichaa inni xiqqaan Birrii kuma 1 inni guddaan ammoo Birrii kuma 10 ta’uu ibsameera.
 
Sheerichi Baankii Daldala Itoophiyaa,Baankii Waldaa Hojii Gamta Oromiyaa,Baankii Awaash,Baankii Intarnaashinaali Oromiyaa fi Baankii Dabuub Giloobaliitti kan argamu ta’uu walitti qabaan koree Baankii Kuush Obbo Juneeydii Bashaa ibsaniiru.
 
Baankiin Kuush jijjiirama diinagdee biyyaalessaa fiduu bira darbee walitti hidhamiinsa diinagdee cimaa ta’e gaanfa Afrikaatti hundeessuuf xiyyeefannoon hojjachaa jira jedhan obbo Juneeydin.
 
Yeroo dhiyootti Keeniyaa,Soomaaliyaa fi Eertiraatti dameewwan isaa ni bana jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.