Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa fi Komiishiniin Tuurizimii Oromiyaa waliigaltee hojii Mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa fi Komiishiniin Tuurizimii Oromiyaa waliigaltee hojii waliin hojjechuu mallatteessaniiru.
Itti aanaan Preezdaantii Baankii Intarnashinaalii Oromiyaa obbo Waldee Bultoo fi Komiishinarri Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa aadde Lalisee Dhugaa waliigalticha mallatteessaniiru.
Baankiin Intarnashinaalii Oromiyaa Karoora Komiishinichi dargaggoota kuma dhibba 5 ta’aniif carraa hojii ummuuf qabate deeggaruu fi Leenjii intarpiruunarshiippii kennuuf waliigaleera.
Akkasumas Tajaajila Baankii waliigalaa Komishinichaaf laachuun itti fufiinsaan waliin hojjchuuf waliigaluu isaanii ragaan Fuula Feesbuukii Baankii Intarnashinaalii Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.